(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 12,2009) MOA Finfinnee irraa akka gabaasetti mootummaan wayyaanee fi lukkeen isaa OPDOn filmaata dhufu mo’achuu fi miseensa baay’ifachuuf bakka adda addaatti namoota walitti qabee leenjisaa fi barmoota siyaasaa kennaafii jiraatu illee, mormii cimaan isa mudachaa jira. Keessumaa Oromiyaa keessatti barattootni diddaa jabaa mul’isaa jiraachuutu gabaafame.
Akka kanaan lukkeen wayyaanee OPDOn Xoollaayii fi Adaamaatti murnoota hawaasa Oromoo walitti qabdee mariisisuuf yaaltus gaaffii jajjabaan kan isee mudate ta’uu fi akka saganteeffattetti milkaa’uufii hanqatuutu ibsame.
Barattootnii fi murnootni hawaasa Oromoo adda addaa sossobbaa OPDOf bakka kennaa kan hin jirre ta’uu kan ibse oduun kun, walgahiilee fi leenjii bakka adda addaatti kennamu irratti gaaffiin ka’uu fi mormiin dhageessifamu tokko ta’uu hubachiisa.
OPDOn diinaaf hojjettu Oromoo bakka hin buutu, ummata Oromoo kan bakka bu’u ABO ti, OPDOn ummata keenya hidhuu, ajjeesuu, hiyyoomsuu biyyaa godaansisuu fi qabeenya Oromoo alagaa saamsisuu malee, fayidaan Oromoof buuse tokko illee akka hin jirre itti himaa jiraachuutu gabaafame.
Marii barattoota Yunversitii Ona Baakkoo mana barumsaa sad.2ffaa Baakkoo keessatti geggeeffame irrattis mormii fakkaataan lukkeewwan wayyaanee mudachuu maddeen keenya eeraniiru. Yeroon ummatni Oromoo wayyaanee fi ergamtootaaf bulu dhumataa jira; ummatni keenya harka walqabatee ka’uu qaba jechuun ibsan.
MOA
|